Physical Address
304 North Cardinal St.
Dorchester Center, MA 02124
Physical Address
304 North Cardinal St.
Dorchester Center, MA 02124

Qabiyyee barruudha
Maallaqni dijitaalaa maallaqa teeknooloojii bilookicheenii fayyadamuun dijiitaalaan daldalamee fi kuufame, akkasumas kirpitoogiraafii (cryptography) fayyadamuun eegamudha. Maallaqni dijitaalaa harki caalaan isaa karaa neetworkii giddugaleessa hin taane (decentralized) kan hoogganamu yoo ta’u, mootummoota ykn baankota giddugaleessaatiin kan hin deeggaramnedha.
Maallaqni Cryptocurrency gosa maallaqa elektirooniksii kan ta’ee fi teeknooloojii icciitii irratti hirkatee daldala nageenya qabuu fi uumamuu maallaqa haaraa to’achuudha, Maallaqni kun to’annoo mootummaa ykn baankii giddugaleessaa kamiyyuu jala jira osoo hin taane, sirna giddugaleessa hin taane kan blockchain ja’amu irratti hirkata. blockchain maal akka ta’e booda viidiyoo itti aanu keessatti ibsi.
Maallaqni kirpitoo gosa maallaqaa karaa elektirooniksii ykn dijitaalaatiin jiruu yoo ta’u, isaan eeguu fi daldala isaan waliin walqabatu to’achuuf teeknooloojii blockchain jedhamuun beekamu irratti hirkatu. Maallaqni kirpitoo maallaqa xalayaan jiru caalaa filannoo bareeda ta’u jira, garuu akka xalayaa ykn maallaqa sibiilaa kan qaamaan mul’atu miti.
Hiikaa isaa jecha salphaa ta’een yoo ilaalle, maallaqni kirpitoo maallaqa interneetii irratti argamu ta’e, giddu-galeessa kan akka baankii osoo hin barbaachisine akka addunyaa kana irratti bakka kamittuu saffisaa fi nageenyaan erguu ykn fudhatamuu kan danda’udha.
Maallaqni dijitaalaa inni jalqabaa beekamaan Bitcoin yoo ta’u, garee namoota namoota maqaan isaani hin beekamne ykn nama maqaa isaa hin beekamne garu maqaa Satoshi Nakamoto jedhu fayyadamuun gaafa guyyaa Januray 3, 2009 kan hundeeffame yoo ta’u, erga ibsa hundeessaa mata duree “Bitcoin: A Peer-to-Peer Electronic Cash System” jedhuun baaseen ture.
Milkaa’ina Bitocin galmaan ga’uuf waggoota hedduu itti fudhate ture hanga jalqaba bara 2011tti gatiin isaa doolaara 1 bira gahe achumaan suuta suutaan gatiin Bitcoin dabalee hanga gaafa guyyaa Jul, 15 2025 tti gatii isaa doolaara 120,000 bira gahe galma guddaa irra ga’eera.
Milkaa’inni Bitcoin maallaqa dijitaalaa biroo hedduun kan akka Ethereum, Solana, Bitcoin Cash fi kannen kana fakkaatan kan biroos ta’e milkaa’ina Bitcoin kanaa fakkeessuu fi itti fayyadamaa fi amala maallaqa dijitaalaa akka babalatuuf taasiseera. Isaan keessaa inni guddaan maallaqaa fi neetworkiin Ethereum yoo ta’u, kunis amala kontiraata ismaartii (Smart Contact) kan itti dabale yoo ta’u, kunis application giddugaleessa hin taane (dApps) akka hojjetaman kan dandeessise yoo ta’u, akkausamaas Bitcoin tti aanee kaappitaala gabaa waliigalaa (Market Capitalization) guddaa qaba.
Maallaqni kirpitoo hedduun amma doolaara kumaa ol kan gatii qaban yoo ta’u, gatii gabaa waliigalaa maallaqa dijitaalaa (Total Crypto Market Capitalization) dhuma bara 2025 tti gara doolaara tiriliyoona 2.93tti ga’eera, kanaanis qaama sirna faayinaansii addunyaa ta’eera.
Maallaqni kirpitoo hedduun har’a maallaqa namoota gidduutti erguuf itti fayyadama, Keessattuu maallaqaa xalayaa karaa baankii fi dhaabbilee faayinaansiitiin walqabatee socho’u kaffaltii mallaqa ergu (transaction fees) irra olaanaa waan ta’eef jecha namoonni baayyeen karra mallaqa kiripitoodhaan nama barbaadaniif mallaqaa isaani ergun irra filatamaa ta’e.
Akkasumaas bu’a inni mallaqni kiriptoo qabu eenyummaa nama ergaa fi fudhataa dhoksuu bira darbee namoonni hedduun maallaqa kiriptoo akka invastimantiitti kan boodarra yeroo gatiin isaanii ol ka’u gurguruun bu’a akka argamsiisu danda’u ilaalamu jalqabe.
Maallaqni kiriptoo baay’een isaanii teeknooloojii bilookicheenii irratti hirkatan, kunis kuusaawwan deetaa abbummaa maallaqaa fi daldala miseensota neetworkii irratti kan kuusu yoo ta’u, kanaanis qaamni gidduu galeessaa ykn giddugaleessaa daldala to’achuu fi raawwachuu akka hin barbaachifne taasisa.
Bu’a Cryptocurrency idha.
Miidhaa Cryptocurrency idha.
Garaagarummaan Cryptocurrency fi maallaqa Xalayaa (fiat) gidduu jiru amala, teeknooloojii, hojii fi itti fayyadama isaani irratti argama. Wal bira qabanee ballinaan akkuma armaan gadi jiru kanaan ilaalla:
1. Bifaa fi jiraachuu qaamaa (Form and physical presence).
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
2. To’annoo fi Seeraa (Control and Regulations)
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
3. Nageenyaa fi teeknooloojii (Security and technology)
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
4. Karaa daldalaa fi jijjiirraa. (trading and exchange methods).
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
5. Kaffaltii fi baasii (Fees and costs).
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
6. Fudhatama fi itti fayyadama (Acceptance and use).
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
6. Dhuunfaa fi iftoomina (Privacy and transparency).
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
7. Dhiibbaa dinagdee irratti qabu (Impact on the economy)
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
8. Tasgabbii fi gatii (Stability and value).
Maallaqa (Xalayaa fi sibiilaa):
Maallaqa digitaala (Cryptocurrency):
Maallaqni kiripitoo qeeqa guddaa irra gahe jira, irra caalaan isaanii bakka sadiitti qoodamu:
1.Gatii fakkeessaa ta’e
Ogeeyyiin dinagdee fi namoonni dhiibbaa uumuu danda’an hedduun maallaqni dijitaalaa irra caalaan isaa gatii dhugaa akka hin qabne, akkasumas yeroo gabaabaa keessatti kofee abbootii qabeenyaa isaanii kasaaraa guddaa fidu ta’aa jedhani amanu.
2. To’annoo fi iftoomina dhabuu
Mootummoonni maallaqa dijitaalaa kan dabarfamu hordofuu, to’achuu fi fudhachuu waan hin dandeenyeef, daldala seeraan alaa fi sochiiwwan kanneen akka maallaqa seeraan alaa daddabarsuu, daldala qoricha sammuu namaa hadoochu, faayinaansii shororkeessummaa fi kanneen biroo gaggeessuuf mala gaarii ta’a.
3. Fayyadama anniisaa fi qisaasama elektirooniksii.
Keessattuu maallaqa mala hojii mirkaneessuu (Proof-of-work) fayyadamaniif, albuuda baasuu fi humni shallaggii inni barbaadu anniisaa guddaa kan fayyadamu yoo ta’u, yeroo tokko tokko maallaqa digitaala tokkoof anniisaa biyyoota guutuun fayyadamaniin barbaada. Yeroo baayyee albuuda baastonni (Miners) gara biyyoota gatii anniisaa gatii salphaa kan malaa sapha fayyadaman (kan akka dhagaa, boba’aa) maddisiifame qabanitti qajeelu. Kana malees, albuuda baastonni meeshaalee isaanii yeroo hunda haaromsuu fi meeshaalee dullooman gatuu kan qaban jijjirru fi haara’umsu isan barbaachisa, kunis balfi elektirooniksii baay’ee akka maddisiisu taasisa.