Nu qunnamaa. Beekumsa waliin haa ijaarru.

Gaaffii, yaada, sirreeffama, yaada qabiyyee, ykn carraa tumsaa qabduu?

Osoo isin irraa dhagenye ni jaallanna.

Nuti Odaa Post akka madda beekumsa dijitaalaa Afaan Oromootiin isa guddicha ta’u ijaaruuf carraaqqii kan godha jirru yoo ta’u, beekumsa walitti qabuun tattaaffii walta’iinsaatiin akka danda’amu ni amanna. Odeeffannoo, seenaa, muuxannoo, beekumsa, ykn yaada qabiyyee fooyya’aa fi dhaloota ammaa fi gara fuula duraatiif faayidaa qabu akka oomishnu nu gargaaruu ni dandeessa.

 

Akkamitti gumaachuu dandeessa?

Yaada Mata Duree Kennu

Mata dureen akka qorannee qabiyyee irratti maxxansinu barbaaddan jiraa? Waan beekuu barbaaddan nuuf himaa, yaadni keessan qaama mana kitaabaa Odaa Post ta'uu mala.

Sirreessuu ykn Dabaluu

Qabiyyee keenya tokko keessatti odeeffannoo sirrii hin taane ykn guutuu hin taane argatte? Bal'ina isaa ibsuun yoo danda'ame madda keessan nuuf ergaa. Sirreeffama qulqullina qabiyyee keenyaa fooyyessuuf nu gargaaran ni simannaa.

Beekumsa Waliif Qooduun

Damee murtaa’e tokko irratti ogummaa ykn beekumsa addaa qabdaa? Qorattota, barsiisota, ogeeyyii, fi nama beekumsaaf fedhii qabu kan ogummaa isaa afaan Oromootiin hawaasaaf qooduuf fedhu ni simanna.

Yaada Seenaa ykn Dokumeentii Tokko Kennu

Nama, bakka, jaarmiyaa, yaada ykn seenaa beekamuu qabu beektaa? Nu waliin Qoodaa.

Tumsa fi Waliin Hojechu (Partnerships and Collaboration)

Dhaabbata, dhaabbata barnootaa, jaarmiyaa, yuunivarsiitii, ykn qaama biroo Odaa Post waliin tumsuuf fedhii qabduu? Walta’iinsa dhiibbaa dhugaa beekumsa irratti hundaa’e uumuuf hawwii guddaan eegganna.

Nu Waliin Hojjechu

Barreessaa, qorataa, hiikaa, dizaayinara, suuraa kaasu, oomishtuu viidiyoo, ykn ogeessa damee ergama keenya tajaajiluu danda’u yoo taate, si beekuun keenya gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama.