Waa'ee Odaa Post Bal'inaan Baradhaa
Waa'ee Odaa Post
Kaayyoo Keenya
Madda beekumsaa fi barnootaa amanamaa Afaan Oromootiin ijaaruu akkasumaas odeeffannoowwan mata duree adda adda fi dameewwan jireenyaa adda addaa faayidaa qaban kan akka saayinsii, teeknooloojii, diinagdee, barnoota irraa kaasee hanga seenaa, aadaa, fayyaa, daldalaa, ogummaatti fi mata durewwan kan biro dabalatee akka argatan haala mijeessuu.
Abjuun Keenya
Odaa Post madda beekumsa dijitaalaa afaan Oromootiin guddicha ta’ee, beekumsa dhaloota ammaa fi dhufuuf walitti qabuu, kunuunsuu fi oomishuu, haaluma kanaan deemuun dhaabbata beekumsaa fi miidiyaa guddaa Itoophiyaa fi addunyaa irratti dhiibbaa qabu akka ta’u abjoonna.
Galmi Keenya
Rakkoo hanqina qabiyyee beekumsaa qulqullina olaanaa qabu afaan Oromootiin mudate furuu, akkasumas beekumsa addunyaa fi biyya keessaa gara qabiyyee ifaafi dhaqqabamaa ta’etti jijjiiruun, seenaa, aadaa, muuxannoo fi seenaa isaa galmeessuun akka beekumsi yeroo keessa akka hin badne gochuu.
Mul’ata Keenya Kan Fulduraa fi Yeroo Dheeraa:
Guyyaan namni kamiyyuu afaan Oromootiin mata duree kamiinuu hanga danda’ametti barbaadee argate deebii amanamaa, hubatamaa, gadi fageenyaan Odaa Post keessatti argatu akka dhufu barbaanna.
Waa'ee Hundeessaa Weebsaayitii Odaa Post
Akkuma armaan gadii jiru kanatti fuula kana keessatti waa’ee hundeessa weebsaayitii Odaa Post fi kaayyoo isaa ni bartan
Hundeessaa Odaa Post eenyu?
Hundeessaan fi barreessa maxxansaalee weebsaayitii Odaa Post Abdurahman Ahmed Adem jedhama, Jiraataa Harargee Bahaa, Magaalaa Maayaa, kutaa magaalaa Awwadaay keessatti kan tahe.
Kaayyoon Odaa Post Hundeessuu Maali?
Kaayyoon Abdurahman akka Odaa Post weebsaayitii qabiyyeen itti maxxanfamee booda dagatamu qofa akka ta’u miti; Kaayyoon akka Odaa Post, madda beekumsa jiraataa guddina itti fufee, dhaloota dhufuuf qabeenya ta’ee dhaalamu ijaaruuf. Dhaloota keenyaaf qabiyyee uumuu qofa osoo hin taane, dhaloota keenyaafis dhaloota nu booda dhufaniif madda beekumsa ijaarudha.
Gaaffiiwwan Irra Deddeebiin Gaafataman
Gaafaa Guyyaa 1/1/2019 akka lakkoofsa Itoophiyaatti weebsaayitiin uumame