Maallaqa seeraan alaa fi Maallaqa miicuun ykn qulqulleessu jechuun maal jechuudha? (Money Laundering)

Qabiyyee Maxxansaa

  • Maallaqa seeraan alaa miicuu fi daddabarsuu
  • Sadarkaalee Maallaqa seeraan alaa daddabarsuu
  • Balaa Maallaqa Seeraan ala Dabarsu fidu danda’u
  • Malawwan Maallaqa Seeraan alaa Ittisuu

Maallaqa Seeraan Alaa Miicuu fi Daddabarsuu

Maallaqa seeraan alaa miicuu (money laundering) jechuun adeemsa seeraan alaatiin maallaqa gocha yakkaa dhorkaa ta’e kan akka daldala qoricha sammuu namaa hadoochu ykn dhaabbilee shororkeessummaa deeggaru irraa maddu walitti qabuuf kan kaayyeffate ta’e mallaqa madda seera qabeessa ta’e irraa akka waan dhufe fakkeessuuf daldala seera qabeessa keessattii walitti makudha.

Adeemsi kun maqaa kanaan kan waamamu maallaqni hojii seeraan alaa irraa argamu maallaqa xuraa’aa waan ta’eef, adeemsi maallaqa seeraan alaa qulqulleessuun qulqulluu akka mul’atu waan taasisuufi. Maallaqa seeraan alaa daddabarsuun yakka maallaqaa baay’ee hamaa ta’ee fi yakkamtoonni koola adii, i.e., yakkamtoonni yakka hokkora hin qabne maallaqa argachuu wajjin walqabatee raawwatan, yakkamtoota qabatamaa ta’aniin alatti itti aanan. Adeemsi maallaqa seeraan alaa daddabarsuu kun eenyummaa fi madda maallaqaa dhoksuu fi qaama maallaqni irraa argame dhoksuuf kan kaayyeffate daldala faayinaansii raawwachuu irratti hundaa’e kan of keessaa qabudha.

Sadarkaalee Maallaqa Seeraan Alaa Daddabarsuu

Gocha maallaqa seeraan alaa miicuu akka hin baballanne dhorkuuf sadarkaa isaa hubachuu qabna.

Maallaqa yakkaa fi hojii seeraan alaa irraa dhufu invest gochuu, daldala bifa seera qabeessa tin gabaa gara garaa keessa galchuudhaan jalqaba. Sana booda, yakkamtoonni madda jalqabaa maallaqaani seeraa alaa ta’e kana dhoksuuf karoorsani hojiiwwan gara garaa walitti fufiinsaan raawwachuudhaan walitti dhufeenya maallaqni kun madda seeraan alaa isaa wajjin qabu dhoksuuf yaalan.

Dhumarratti maallaqni qulqullaa’e maallaqa qulqullaa’ee fi maallaqa madda seera qabeessa irraa argamu adda baasuun haala rakkisaa ta’een dinagdee biyyaa keessatti walitti makamee akka qaamolee faayinaansii dhimmi kana ilaallatu madda maallaqa qulqullaa’e kana hin shakine taasisa.

Balaa Maallaqa Seeraan ala Dabarsu fidu danda’u

Hojiin maallaqa seeraan alaa miicuun ykn qulqulleessuun sadarkaa biyya keessaa fi idil-addunyaatti balaa fida, isaan keessaa muraasni akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.

  1. Gibira kaffalu dhabu: Hojiin maallaqa seeraan alaa qulqulleessu fi daddabarsuu yeroo baay’ee adeemsa walxaxaa kaffaltii gibira jalaa miliquu wajjin kan walqabatu yoo ta’u, warri maallaqa seeraan alaa daddabarsan maallaqa sana herrega mootummaatti galchuu dhiisanii herrega dhuunfaa isaaniitti galchan.
  2. Saamichaa fi hanna: irra caalaan isaanii hanna qabeenya kan tahe kan gara maallaqaatti jijjiiramu danda’u, Kunis hanna meeshaa faaya, warqee, konkolaataa fi meeshaalee dhuunfaa biroo dabalata. haaluma kanaan maallaqa miicuun ykn qulqulleessuun madda maallaqa saamame dhuksoof haala isaaniif mijaawaa ta’e taasisa.
  3. Meeshaalee Dhorka ta’e daldalu: qorichi sammuu namaa hadoochu biyyoota hunda keessa kan geejjibsiisu yoo ta’u, warri maallaqa seeraan alaa daddabarsan maallaqa dabalataa argachuuf hojii yakkaa kanaaf maallaqa kan kennan ta’a. Daldaltoonni qoricha sammuu namaa hadoochu qoricha sammuu namaa hadoochu sanaan ofuma isaaniitiin ykn maallaqaan kaffalama.
  4. Malaammaltummaaf haala mijeessu: Hojiin maallaqa seeraan alaa daddabarsuu dhimmoota malaammaltummaa hedduu kan fidu yoo ta’u, galiin argamu bifa maallaqa qaamaan ykn maallaqaan ta’uu danda’a.

Malawwan Maallaqa Seeraan alaa Ittisuu

Akkuma armaan gaditti argamu maloota carraa hojii maallaqa seeraan alaa daddabarsuu babalachu hir’isuu danda’an tokko tokko tarreessina:

  1. Hojii barbaacha karaa teeknooloojiin guddisuu: Karaa teeknooloojiin tattaaffiin barbaacha fi hordoffiin maallaqaa saffisaan ni ballisa. Teeknooloojiin hojiiwwan kana keessatti sirritti hojjechuuf gumaacha kan godhu yoo ta’u, bu’a qabeessummaa gabaasawwan dandeetti maallaqa daddabaruu to’achu ni guddisa.
  2. Hojiiwwan Shakkisiisaa ta’an Hordofuu: Adeemsi kun hojiiwwan shakkisiisaa ta’an hunda to’achu, galmeessuu, hordofuu fi gabaasuu.
  3. Neetworkii idilee hundeessuun: Walgahii yeroo yeroon taasifamuun dhaabbileen faayinaansii fi qaamoleen seera kabachiisan yeroo hunda odeeffannoo akka argatan, hojiiwwan shakkisiisaa ta’an akka mirkaneessan, akkasumas tumsa mootummaa fi dhuunfaa akka cimsan kan dandeessisudha.

Share your love
Abdurahman Ahmed
Abdurahman Ahmed
Articles: 3

Newsletter Updates

Enter your email address below and subscribe to our newsletter

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *